Xurree ittiin seenan

Breaking News

Toogoo Keessatti Paartiin Biyya Bulchu Filannoo Injifataa Jira


FAAYILII - Pirezdaantii Toogoo Faawuree Ginasingbee
FAAYILII - Pirezdaantii Toogoo Faawuree Ginasingbee

Paartiin biyya bulchaa jiru kan Togoo paarlaamaa biyyatti keessatti barcuuma harka caalu injifachuu isaa komishiniin filannoo beeksisee jira. Kunis ba’ii filannoo torbee darbeen sagalee kenname kan mormitoonni fudhatama dhabe fi tarkaanfii aangoo prezidaant biyyatti dheeressuuf fudhatamee ittiin jedhaniin ture.

Ba’iin sagalee hin mirkanaa;iin jiru sambata darbee galgala ba’e akka agarsiisutti, paartiin biyya bulchaa jiru Gamtaa Rippabiliikaa sagalee heera haaraa yaada filannoo pirezidaantii haquu fi miseensota mana maree pirezidaantii filachuuf aangoo kennu deeggarsa qorate irratti barcuuma 113 keessaa 108 injifate. Tumaan heera mootummaa haaraan kun turtiin pirezidaantummaa waggaa afurii fi daangeffama marsaa lamaa qofa akka ta’u tumameera.

Ganna 57 kan qaban Gnassingbe — bara 2005 irraa eegalee aangoo irra kan jiran — yeroo aangoon isaanii bara 2025 xumuramu paarlaamaa haaraatiin irra deebi’anii akka filataman, hanga bara 2033tti aangoo irra turuu akka danda’an taasisa. Mormitoonnis ta’e abbootiin amantii barrii aangoo isaanii erga xumuramee booda, seera miseensota mana maree baatii Bitooteessa keessa raggaasisan erga kuffisanii booda mormiin akka ka’u gaafataniiru.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG