Xurree ittiin seenan

Breaking News

Gaambeellaa Keessatti Haaleellaa Hidhattoonni Gaggeessaniin Namoonni 7 Madaa’an


Gaambeellaa Keessatti Haaleellaa Hidhattoonni Gaggeessaniin Namoonni 7 Madaa’an
please wait

No media source currently available

0:00 0:01:15 0:00

Sambata dabree bulchiinsa naannoo Gaambeellaa keessatti hidhattonni Awutoobuusa imaltootaa irratti haleellaa raawwatan jedhameen, namoonni 7 madaa’uu jiraattonni naannoo Ibsanii jiru. Haaleellaa magaalaa Gambeellaa fageenya kilo meetra 7 irratti gaggeeffame kana ilaalchisee, Magaalaa Gaambeellaa keessatti hospitaallii sadarkaa duraaf itti gaafatamaan Obbo Ron Goony namoota haleellaa kanaan miidhaman 7 wal’anaa kan jiru ta’u sagalee Amerikaaf ibsanii jira.

Paartiin mormituu kan ta’e sochii Deemookraatawaa uummata Gaambellaaf dura ta’aa kan ta’an Obbo Saayman Tuut Awutoobuusni kun namoota 60 fe’e aanaa Itaang irraa gara Gaambeellaa tti imalaa akka ture sagalee Amerikaaf ibsanii, haalli kun irra deeddbiin akka raawwatamuu fi bulchiinsii naannoo Sanaa kanneen badii kana dalagan, seera duratti akka dhiyeessuuf gaafatee jira. Mootummaa bulchiinsa naannoo sanaatti waajirri nagaa fi nageenyaaf itti gaafatamaa kan ta’an Obbo Badual Jook haallii kun ennaa dhaqqabu yeroo 3ffaaf ta’u isaa, eegumsaan deemaa turan biraa duunbatti hafee kun isa mudate jedhan.

Kanneen badii kana geesisan hordofaa akka jiru ibsee, uummannis gama odeeffannoo kennuun akka gargaaruuf waamicha dhiyeessee jira. kechuuGabra Mikaa’el Gabra Medhin gabaasee jira.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG