Xurree ittiin seenan

Breaking News

Bulchitoonni Walqaayitii fi Raayyaa Ibsa Tibbana Aangawaa Ol’aanaan Naannoo Tigiraay  Kennan Mormuun Deebii Kernnan  


Bulchiisin Walqaayitiif Raayyaa keessatti hundeefamee jiru yeroo dhihoo kessatti ni diigama jedhamuu isaa akka mootumma feederaalaa irraa hin dhageenyee fi akka hin beekne bulchoonii naannoowan walfalmisiisaa ta’anii ibsani jiru.

Bulchaa itti aanaan bulchiinsa yeroo kan naannoo Tigraay Letena Jeeneraal Taadesee Werede ibsa Tubbana kana keennani irratti kan deebii kennan bulchoonii Walqaayit Xagadee fi Raayyaa Allaamaaxaa akkaataa waligaltee nageenyaa Piritooriyaatiin caasaan bulchiinsaa bakkawwan wal falmisiisaa ta’anii akka diigamuu taasifama jedhame irratti mootummaa feederaala bira wantii dhagahan akka hin jirre himanii Yaadinii Jeeneraala Taadesee Weredee yaada gamtokkee kan calaqisiisuuf kan walitii bu’insaaf kakasuu akka ta’e sagalee Amerikaatti himanii jiru.

Dhimma kana irratti kaneen yaada isaanii kennan keessa tokko kan ta’an bulchaan Walqaayit Xagadee Taamiraat Desaaleny, waligalteen Piritooriyaa akka hojii irra oluu kan gaafachaa jiru hoggansi Tigraay waraana isaa garaa Walqaayititti sochoosaa akka jiru himaniiru.

Kantiibaan magaala Alaamaaxaa obbo Hayiluu Abarraa gama isaaniitiin Bulichiinsii naannoo Tigiraayi waligalteen Pritooriyaa hoojii irraa akka oolu gaafachuudha alatti waan isa irraa eegamu hojjachaa akka hin jirre himanii jiru. Hidhatoonii ABUT gara dangaa Raayyaa Allaamaaxaa fi Woofilaa keessa seenanii namoottan hedduun akka jireenyaa isaanii irraa buqa’anii magaalaa Qoboo keessa qubatan taasifamuu isaas Kantiibaan Allamaaxaa dabalanii ibsanii jiru.

Kun ittuu kanna jiruu, maddii Oduu Rooyiters jimaata har’aa akka gabaasetti naannoowwan walfalmisiisaa ta’an keessa walwaraansaa taasifameen lammileen naannoo Tigraay heduun ajeefamuu isaanii ibsee jira.

Bakka bu’aa garee faannoo godina Gondor akka ta’an kan dubbatanifi nammi Beyene Alemawu jedhaman “ hoggantoonni Tigraay lola labassa jiruu, waneenn fedhii keenyaa malee nurratti fe’amuu fi weerarra kamiinuu obsaan hin ilaalu jechuu isaanii maddii oduu Rooyiters dabalee gabaasuu isaa Masfen Araagee Gabaasee jira.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG