Xurree ittiin seenan

Breaking News

Waldaan Kiristaanaa Ortodoksii Itiyoophiyaa Tajaajiltoonni Ishee Shan Hidhamuu Beeksiste 


FAAYILII - Mana Amantaa kiristaana Ortodoksii, Finfinnee, Caamsa 25, 2022.
FAAYILII - Mana Amantaa kiristaana Ortodoksii, Finfinnee, Caamsa 25, 2022.

Teessoo Paatiriyaarikii mana amantaa Ortodokisii Ityoophiyaatti itti gaafatamaa dhimma sab quunamiti fi midiyaa kan ta’an Dr. Akaaleweld Tesemaa ibsa Sagalee Amerikaatiif kennaniin, hojii geggesaan damee Afrikaa kibbaa fi dhihaa Merii Geeta Birhaanuu Tekleyaared kanneen hidhaman keesaa tokko ta’uu isaanii ibsaniiru.

Namoottan umnoottan mootummaatiin qabamanii hidhaman kun dhimmaa waldaa Ortodoksii Ityoophiyaatiin walqabachuu fi dhiisuun isaa akka hin beekamne kan ibse gabaasnii GebreMikaa’el GebrMedihin, namoottan hidhaman keessaa hogganaan waldaa qulqulootaa ykn Maahiber qidusaan jedhamuu Liqetiguhaan Qeesisi Dr. Mulugeetaa Siyumii fi barreesaan waldichaa Barsiisaa Waasihuun Belaay guyyaa har’aa mana hidhaatii gadi lakkisamuu isaanii beeksiseera.

Namoottan hidhaman kana ilaachisee akka deebii kennan kan gaafataman dubbii himaan Poolisii feederaalaa Jeeyilaan Abdii dhimmichii qaama mootummaa isa “Komaad Poost” jedhamuu kan ilaalatuudhaa jechuu isaanii gabaasinii Gebrmikaa’el Gebrmedihin dabalee ibseera.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG